• Meeshaalee dhuunfaa namni du’e sun itti fayyadamaa ture kemiikaala farra jeermiitiin qulqulleessuu
  • Yeroo du’i uumame reeffa sirreessuunis ta’e adeemsa reenfa tottolchuu keessatti maatiis ta’e namoota kan biroo waliin walitti dhufeenyi ykn sosochiin godhamu kamuu fageenya tarkaanfii nama guddaa lama kan eeggate bifa ta’ee fi namootni reeffa sirreessan haguuggii harkaa, haguuggii afaanii fi funyaanii, gaawonii pilaastika irraa hojjetame akka Barbaachisummaa isaatti haguuggi ijaa /manatsarii/ akka uffatan barsiisuu
  • Maatii nama du’ees ta’e namni reeffa nama du’ee irratti itti gaafatamummaa qabu reeffas ta’e saaxinii reeffa akka hintuqne ykn hindhunganne, saaxinii reeffi keessa jiru ykn meeshaalee saaxiniin reeffaa itti fe’ame hunda kemikaale farra jeermiitiin akka qulqulleessan barsiisuu
  • Namoonni reeffa nama du’ee sana sirreessan adeemsa reeffa sirreessuu sana erga xumuraniin booda haguuggii harkaa itti fayyadaman, haguuggii afaanii fi funyaanii fi pilaastikii ykn gaawonii ittiin qaama isaanii haguugatan sirnaan dhabamsiisuu fi harka isaanii saamunaa fi bishaaniin akka dhiqatan barsiisuu
  • Namni iddoo boo’ichaatti argame kamuu afaanii fi funyaan isaa maaskiin akka haguugatu barsiisuu