Gahee hojii Gaggeessitoota garee misoomaa naannoo ittisa dhibee Koronaa irratti
- Akka Hubannoo ogeessota Ekisteenshinii Fayyaa irraa argatanitti
- Maatii fi miseensota garee isaanii Maalummaa, karaa daddarbiinsa fi mala ittisa dhibee Koronaa akka barsiisanii fi hojiitti hiikaan gochuu
- Hawaasa keessatti waa’ee dhibee Koronaa dogongoraa dubbataman odeeffannoo sirrii kennuun sireessuu fi gungummii jiru gabaasuu
- Gooxii keessa jiran keessa nama Dhukkubbii qaama argansuu qabu ykn isaa wajjin tuttuqqii nama qabu yoo jiraate ogeessota ekisteenshinii Fayyaatti gabaasuu
- Namootni nama dhibee kana qabu waliin tuttuqqii qaban Hawaasaan qoolleffannaan akka irra hingeenyeef hubannoo dogongoraa sirreessuu
- Hawaasa keessatti iddoowwanii fi yeroo namoonni baay’inaan itti walitti qabaman adda baasuun waa’ee dhibee Koronaa odeeffannoo kennuu/hubannoo qabsiisuu
- Bifa hinbaaratmiiniin naannawaa tokkotti namni baay’een dhagna guava, qufaa akkasumas rakkoo hafuura baafannaan namni yoo du’e ariitiin ogeessota ekisteenshinii Fayyaatti gabaasa gochuu