Talaallii dhibee Koronaa Hawaasa biratti akka fudhatama argatu gochuu
- Posterotaa fi fakkiiwwan adda addaa fayyadamuun akka hawaasni hubachuu danda’utti bifa walitti-fufiinsa qabuun waa’ee talaallii Koronaa barsiisuu
- Posterootaa fi Fakkiiwwan adda addaa waa’ee Koronaa Hawaasa barsiisan bakkee haala gaariin mul’achuu danda’anitti maxxansuu
- Gaggeessiootnii fi Abbootiin amantaa Aanicha kessa jiran waa’ee talaallii Koronaa Hawaasaaf fakkeenya ta’uudhaan akka barsiisan gochuu
- Duula talaallii Koronaa irratti hirmaachuu
- Sosochii Hawaasaa hojjechuu
- Namoota talaallichaan wal-qabatee Mallattoo dhibee dabalataa qaban adda baasuu
- Buufata Fayyaa waliin ta’uun adeemsa kenniinsa talaallichaa qindeessuu
- Namoota talaallii Koronaa fudhachuu qabanii fi umuriin isaanii waggaa 18 oli kan ta’e adda baasuu
- Warra talaallii fudhatan gooxiin adda baasuun iddoo fiyeroo talaallii beeksisuun dursitootni garee misoomaa akka kakaasan gochuu
- Ijaaramoota adda addaa bu’aa talaallichi qabu irratti hubannoo qabsiisuu
- Waa’ee talaallichaa irratti Hawaasa waliin marii gaggeessuu