Kenniinsa Kunuunsa fi hordoffii sadarkaa manaatti adda baasuun kennamu
PLACEHOLDER: Editing infographic from preexisting illustration on who is allowed for Home based care isolation and treatment

- Tajaajila kana kan argatan namoota dhibee Koronaatiin qabamuunn isaanii mirkanaa’ee fi Mallattoo fi miira dhukkubbii dhibee kan hinqabne ykn Mallattoo salphaa fi giddu galeessa kan qabanii dha.
- Akkasumas Dhukkubsatoota umuriin isaanii waggaa 60 gadi ta’ee dhibee dabalataa (kan akka dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, Aasimii, dhibee sombaa bubbule) kan hinqabne dha.
5.3.1 Dhukkubbiin ‘COVID-19’ cimaa hinjedhamne kan jedhaman kannen kami?
- Dhibee Koronaa Mallattoo hinargisiifne
- Mallattoo salphaa dhibee Koronaa kan akka utaalloo, qufaa, miira dadhabbii, rakkoo miira fuunfachuu fi dhandhamuun hir’isuu argisiisuu
- Mallattoo dhibee Koronaa giddu-galeessa: Mallattoo dhibee sombaa kan qaban kan akka (qufaa, ho’ina qaama, hafuura baafachuun dadhabuu/hafuurri ciccituu, daddafanii hafuura baafachuun fi KKF) ykn dhukkubsatoota hangi oksiijinii isaanii %90 ol ta’e
5.3.2 Mallattoo dhibee Koronaa Cimaa (Hammaataa):
- Of to’achuu dadhabuu/of wallaaluu, ariitiin hafuura baafachuun, aaduu, dhukkubsatoota hangi oksiijinii isaanii %90 ol ta’e