Kenniinsa Kunuunsa fi hordoffii sadarkaa manaatti adda baasuun kennamu
Health extension worker measuring temperature at home of a sick patient in rural community

- Gahee hojii fi itti gaafatamummaa Hojjetootni Ekisteenshinii Fayyaa Tajaajila kunuunsa/hordoffii COVID-19 sadarkaa manaatti adda baasuun kennamu irrati qaban.
- Kunuunsaa fi hordoffii sadarkaa Manaatti kennamuuf ulaagaaleen barbaachisu guutamuu mirkaneeffachuu:
- Yeroo dhukkubsataan/dhukkubsattuun mana keessa turanitti namni kunuunsa ykn dhukkubsachiisu jiraachuu mirkaneeffachuu
- dhukkubsataan/dhukkubsattuun kutaa keessatti addaan of baasee turu ykn missensa maatii kan biroo irraa fageenya meetira 2 fagaatee bakka turu fi haala gaariin qilleensi kan keessa naanna’u ta’uu mirkaneessuu
- dhukkubsataan/dhukkubsattuun manneen fincaanii fi kutaa itti nyaata bilcheessan miseensota maatii kan biroo waliin iddoo tokkotti fayyadamu yoo ta’e erga dhukkubsatichi fayyadameen booda haala gaariin qulqullaa’uu isaa mirkaneeffachuu
- dhukkubsataan/dhukkubsattuun mana keessa yeroo turan miidhaa saalaan wal-qabatu (sexual attack) saaxilamoo akka hintaane mirkaneeffachuu
- Mana keessa meesahaalee dhukkubicha ofirraa ittitisuuf fayyadan (Maaskii, haguuggii harkaa kkf), galteewwan qulqullinaa (Saamunaa/Daaraa, bishaanii fi barakiinaa) jiraachuu isaanii fi haala gaariin fayyadamaa jiraachuu isaanii mirkaneeffachuu
- Dhukkubsataa fi kan isa tajaajilan Maaskii yeroo hunda fayyadamaa jiraachuu mirkaneeffachuu
- Waa’ee mana keessatti adda baasanii kunuunsuu dukkubsaticha, kan isa kunuunsuu fi maatii isaa waliin mari’achuu
- Dukkubsaticha, kan isa kunuunsaan, maatii fi oollaa isaanii waa’ee toftaalee ittisa dh dukkubsatichaee Koronaa irratti dukkubsatichaarsiisuu
- Ogeessotni Ekisteenshinii Fayyaa adda baasuu/Kunuunsuu dhibee Koronaa sadarkaa manaa keessatti gahee hojii fi itti gaafatamummaa isaan qaban
- Haala Fayyummaa dhukkubsataa sanaa Hordofuu:
- Dhukkubsatoota dhibee Koronaa sadarkaa giddu-galeessaa qaban yeroo hunda bilbilaan hordofuu
- Dhukkubsatoota qaamaan hordoffiin isaan barbaachisu haala garee hordoffiitiin murtaa’een hordofuu
- Mallattoo salphaa kan qaban bilbilaan yeroo guyyaa sadi’iin hordoffii taasisuu
- Kanneen Mallattoo hin argisiifneef yeroo tokko bilbilaan hordoffii taasisuufii
- Bakkeewwan tajaajilli bilbila hinjirretti qaamaan hordboffii gochuufii
- Missensi maatii kunuunsa kennuuf akka gabaasa godhu taasisuu
- Hanga oksiijinii dhukkubsatichaa safartuu oksiijiniitiin safaruun
- Garee deebii hatattamaa buufata Fayyaa keessa jirutti haala dhukkubsatichaa beeksisuun (yeroon gabaasicha haa eeramu)
- Dhukkubsatoota dhibee cimaa qaban ykn kan dhukkubni itti hammaate Dhaabbilee fayyaa naannoo isaanii jrutti ergaa beeksisaniin booda erguu
- Dhukkubsatoota Miseensota maatii saaxilamoo ykn hordoffii addaa isaan barbaachisu xiyyeeffannoo addaa kennuun hordofuu (Fakkeenyaaf: umuriin isaanii waggaa 60 oli kan ta’n, waggaa lamaa gadi kan ta’an, dubartoota ulfaa fi dhibeewwan kan biroo (dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, Aasimii, Kaanserii, dhibee sombaa turee fi KKF…