Odeeffannoo Sirna Nyaataa dhibee Koronaa
5.7.1 Ragaa bu’uuraa sirna Nyaataa Dhibee Koronaa Ogeessotni Ekisteenshinii fayyaa beekuu Qaban
Illustration of a person eating - Nutrition in HBIC

- Nyaata madaalamaa madaaluun nyaachuu
- Dhibee Koronaa irraa dafanii fooyya’uuf akka gargaarutti nyaata nageenyummaa qabu kan akka midhaan callaa, bu’aa beelladaa kan akka foon, Anqaaquu, Aannanii fi bu’aa Aannanii, keessattuu Kuduraa fi muduraa yeroo hunda soorachuu, bishaan guyyaa keessatti birciqqoo 8-10 dhuguu
- Dubartoota Hoosisanii fi kannee ulfa qavan:
- Haati dhibee Koronaatiin qabamte harma hoosisuu ishii hindhorku
- Afaanii fi funyaan Haguuggachuun, harka bishaanii fi samunaan dhiqachuun harma hoosisuu itti fufuu qabdi.
- Dubartootni ulfaa fi kannee harma hoosisan nageenya ofii isaaniis ta’e kan daa’ima isaanii eeguuf hanga humni isaanii hayyameefitti nyaata madaalamaa nyaachuu fi armaan dura kan nyaachaa turanitti dabalataan yeroo 1-2 nyaachuu qabu. Dhibee Koronaa irraa ofeeguuf qajeelfamni addaa waan hinjirreef akka biyyaatti Qajeelfama sirna nyaataa dubartoota ulfaa fi kannee harma hoosisaniif qophaa’e hordofuu barbaachisa.
- Abbootiin amantaa fi Namootni Hawaasa keessatti fudhaama qaban nama dhibee koronaatiin qabameef waa’ee sirna nyaataa irratti gorsa kennuufii qabu:-
- Abbootiin amantaa namootni dhibee koronaatiin qabaman dafanii akka fooyya’aniif gorsa ogeessaa dhaga’uun haala nyaata isaanii sireessuu qabu.
- Namootni dhibee Koronaatiin qabaman yeroo soomaatti yoo bu’aa beelladaa fayyadamuun isaanirraa jiraate akka soorataniif abboota mantaatiin tajaajila gorsaa argachuu qabu.
- Namootni dhibee Koronaatiin qabaman sababa dhiphachuu irraa kan ka’e fedhiin nyaataa isaanii hir’isuu waan danda’uuf deggersa xiin-sammuu fi hafuura kennuufii barbaachisa.
5.7.2 Waa’ee Dhibee Koronaa fi Sirna nyaataa irratti gaaffiilee yeroo hedduu Hawaasa biraa ka’anii fi deebii isaanii
