Alamuun gameessa waggaa 37 ta’ee Ganda Keellaa Fayyaa ati hojjettu keessa jiraata. Alamuun haadha isa umrii waggaa 53fi Abbaa isaa manguddoo waggaa 69 dhibee dhiibbaa dhiigaa qaban qarshii obbolaawwan isaa magaala jiraatan irraa isaaf ergamuu akkasumas galii horsiisa beelladootaafi midhaan oomisha qonnaa irraa argamu gurguruun faayyadama guyyaa guyyaaf oolchuun jiraachisa. Alamuun fuudhee ilma waggaa 1 fi ji'a 3 godhateera. Alamuun guyyota sadii darbaniif mallattoo hoo’insa qaamaa kan qabu yoo ta’u; guyyoota 6’n dura wayita gabaa dhaqetti gara baankii deemuun obbolaawwan isaa qarshii maatiif ergan baasee ture.
Gaaffilee armaan gadii seenessa Alamuu ilalchisuun gaafatamaniif deebii sirrii kennaa