Calallii dhukku Kenniinsa Dhukkubbii Qaama argansuu fi sakatta’iinsa mana-manaa
PLACEHOLDER: Illustration showing a HEW with full equipment as listed above greeting a household member without any contact - COVID-19 house to house visit

Hojiilee yeroo daawwannaa mana manaa hojjetamuu qaban
- Balbala mana daawwatamuu osoo hintuqiinii fi Daawwii akka xumurtaniin harka ofii ishaanii fi saamunaan dhiqahuu ykn saanitaayizeriin qulquleeffachuu
- Yeroo daawwannaa gaggeessan fageenya qaama eeggachuu (gidduu keessan fageenya meetira 2 jiraachuu mirkaneeffachuu )
- Ho’ina qaama safaruufis ta’e dhukkubsataa adda baasuuf miseensoti maatii hund gara allaatti akka gadi ba’an gaafchuu
- Haguuggii fuula (Maaskii) godhachuun
- Miseensota maatii nagaa gaafachuu garuu akka harka wal-hinfuune (hintuqne)
- Kaayyoon daawwannaa mana manaa maal akka ta’e miseensota maatiif ibsuu/hubachiisuu
- Miseensota daawwanaa fi ofii keessan sirnaan of beeksisuun
- Hanga dandaa’ametti miseensotni maatii yeroo qorannoo godhamuuf Maaskii akka uffatan gorsuu
- Yeroo sakatta’iinsi gaggeeffamutti miseensota maatii hunda argachuu keessan mirkaneeffachuu (kannee yeroo qorannootti hinargamiin yoom akka argaman gaafachuun irra deeiin daawwannaa gaggeessuu)
- Shakkamtoota dhukkubbii qaama hafuura baafannaa qaban adda baauu, osoo hieegaliin dura, maatiin waa’ee dhibee Koronaa hubannoo isaan qaban sakatta’uu, toftaalee ittisaa akkamitti akka hojiirra oolcha jiran gaafachuun waa’ee isaa sirriitti hubachiisuu
- Maatiin waa’ee ijoollee isaanii ragaa kennuu ni danda’u; ijoollee qaamaan ilaaluun varbaachisaa dha.