- Balbala mana daawwatamuu osoo hin tuqiin duraafi daawwannicha erga xumurtanii booda harka keessan bishaaniifi saamunaan dhiqachuu ykn saanitaayizeraan qulqulleessuu
- Daawwannaa manaa-manaa yoo gaggeessitan fageenya gidduu keessan jiru eeggachuu (fageenyi metira 2 gidduu keessan jiraachuu mirkaneessaa)
- Ho’insa qaamaa safaruufis ta’e dhukkubsataa adda basuuf akka toluuf maatiin hunduu mana keessaa gara alaatti akka bahan gaafadhaa
- Maaskii (golga afaaniifi funyaanii) kaawwadhaa(godhadhaa)
- Wayita qorataman miseensonni maatii hunduu hanga danda’ametti maaskii akka godhatan taasisaa
- Wayita hordoffiifi sakatta’insaa miseensa maatii hunda argachuu keessan mirkaneessaa (Miseensota maatii yeroo qorannoon gaggeeffame hin argame yoom akka argamuu danda’an gaafachuun irra deebiin daawwannaa gaggeessaa)
- Maatiin waa’ee ijoollee isaanii ragaa kennuu danda’u haata’u malee ijoollee kana qaamaan arguun barbaachisaa dha.