• Balbala mana daawwatamuu osoo hin tuqiin duraafi daawwannicha erga xumurtanii booda harka keessan bishaaniifi saamunaan dhiqachuu ykn saanitaayizeraan qulqulleessuu
  • Daawwannaa manaa-manaa yoo gaggeessitan fageenya gidduu keessan jiru eeggachuu (fageenyi metira 2 gidduu keessan jiraachuu mirkaneessaa)
  • Ho’insa qaamaa safaruufis ta’e dhukkubsataa adda basuuf akka toluuf maatiin hunduu mana keessaa gara alaatti akka bahan gaafadhaa
  • Maaskii (golga afaaniifi funyaanii) kaawwadhaa(godhadhaa)
  • Wayita qorataman miseensonni maatii hunduu hanga danda’ametti maaskii akka godhatan taasisaa
  • Wayita hordoffiifi sakatta’insaa miseensa maatii hunda argachuu keessan mirkaneessaa (Miseensota maatii yeroo qorannoon gaggeeffame hin argame yoom akka argamuu danda’an gaafachuun irra deebiin daawwannaa gaggeessaa)
  • Maatiin waa’ee ijoollee isaanii ragaa kennuu danda’u haata’u malee ijoollee kana qaamaan arguun barbaachisaa dha.