MAATII AKKAATAA RAMADDII ISAANIITIIN
Illustration showing a suspect individual giving sample for COVID-19

- Mana Nama dhukkubbiin qaama hafuura baafannaa irratti argame keessatti hojiilee hojjetamuu qaban:
- Ragaa barbaachisaa Miseensa maatii dhukkubbiin qaama hafuura baafannaa irratti argame sassaabuu fi galmeessuu
- Ara dhaabbilee fayyaa naannoo isaa jirutti battalumatti beeksisuun fi walagarsiisuu
- Toftaalee ittisa Vaayiresii Koronaa ijoo ta’an miseensa maatiitti dabarsuu
- Miseensi maatii Mallattoo hinagarsiisan hanga qulqullaa’utti adda of-baasanii mana keessa akka turan gochuu
- Miseensotni maatii dhimmi dirqamsiisu yoo jiraaterraa kan hafe akka gadi hinbaane gorsuu
- Miseensotni maatii haguuggii afaanii fi Funyaanii (Maaskii) akka fayyadaman gorsuu
- Waan kamiinuu erga toxuqaniin booda harka isaanii bishaanii fi saamunaa/daaraan sekoondii 40-60f akka dhiqatan barsiisuu
- Yeroo axxifatan/qufa’an sooftii/carqiin afaan haguuggachuu ykn ciqilee isaanii dachaafatanii akka fayyadaman barsisuu kanaa ala harka isaanii akka hinfayyadamne gorsuu
- Fageenya qaama akka eeggatan gorsuu
- Dhibee Koronaa qabu jedhamanii kan shakkaman bu’aa qorannoo isaanii buufata fayyaatii hordofuun fudhachuu
- Namootni dhibee Koronaatiin qavaman osoo Mallattoon dhibee sanaa irratti hin mul’atiin daddabarsuu akka dandaa’an hubachiisuu
8.6.1 Mana Nama dhukkubbiin qaama hafuura baafannaa irratti hinargamiin keessatti:
Illustration showing a HEW teaching how to wash hand with ash to family members

Hojiilee Hojjetaman:
- Maatii Sakatta’iinsi qorannoo dhukubbii qaama hafuura baafannaa adda baasuu godhameef ragaalee barbaachisoo ta’an galmeessuu
- Miseensota maatiitiif ergaa fayyaa ijoo dhibee Koronaa davarsaa
- Miseensotni maatii hanga danda’ametti dhimmi dirqisiisu yoo hin mudatiin yoo mnaa ba’u dhiisan gaarii dha.
- Miseensota maatii haguuggii afaanii fi funyaanii (Mask) akka fayyadaman gorsuu
- Waan kamiinuu erga toxuqaniin booda harka isaanii bishaanii fi saamunaa/daaraan sekoondii 40-60f akka dhiqatan barsiisuu
- Yeroo axxifatan/qufa’an sooftii/carqiin afaan haguuggachuu ykn ciqilee isaanii dachaafatanii akka fayyadaman barsisuu kanaa ala harka isaanii akka hinfayyadamne gorsuu
- Fageenya qaama akka eeggatan gorsuu
- Miseensi maatii mallattoo dhukkubbii qaama hafuura baafannaa (utaalloo) yeroo agarsiisan yeroo kamittuu lakkoobsa bilbila tola 8335 ykn kan Naannoo 6955 akka fayyadaman gorsuu
- Namoonni dhibee Koronaatiin Qabaman osoo Mallattoo hinagarsiisiin Vaayiresii Korona daddabarsuu danda’u
8.6.2 Maatii dubartiin ulfaa keessa jirtu keessatti hojiilee hojjetamuu qaban:
Illustration showing a HEW teaching a pregnant mother

- Tajaajilli kunuunsa dahumsa duraa Weerara DhiVee koronaatiin osoo addaan hincitiin kan kennamu ta’uu hubachiisuun hordoffii isaanii aka itti fufan jajjabeessuu
- Hordoffii kunuunsa dahumsa duraa addaan kutanii jiru yoo ta’e ykn waanti mudate yoo jiraate adda baasuun Dhaabvilee Fayyaa naannoo jiruun wal-quunamsiisuu
- Tajaajilli dhaabbilee fayyaa keessatti dubartoota ulfaatiif kennamu bifa dhibee koronaatiif hinsaxilleen ofeeggannoo ta;uu akka qabu hubachiisuu
8.6.3 Maatii Daa’imni wagga 1 gadii keessa jiru keessatti hojiilee hojjetamuu qavan:
Illustration showing a HEW providing a routine vaccination such as droplet for a less than 1 year child

- Tajaajili fayyaa idilee daa’immanii dhaabbilee fayyaa hunda keessatti kennamu akka qabu hubachiisuu fi tajaajilichas akka fayyadamn gochuu
- Hordoffii fayyaa daa’imaa addaan kutanii jiru yoo ta’e, rakkoon mudate yoo jit=rate adda baasuun dhaabbata fayyaa waliin wal-quunnamsiisuu
- Ajaajilli Fayyaa dhaabbata Fayyaa keessatti daa’immaniif kennamu dhibee koronaatiif bifa hinsaxilleen ofeeggannoo akka ta’uu qabu hubachiisuu
- Haadholiin harma hoosisan dhibee koronaatiin yoo qabaman ykn yoo shakkaman ofeeggannoo barbaachisaa gochuun harma hoosisuu akka danda’an barsiisuu
8.6.4 Maatii Namootani dhukkuba daddarboo hintaane qaban keessa jiran keessatti hojiilee hojjetamu:
Illustration showing a HEW measuring blood pressure for elderly person

- Vayiresichaafis ta’e rakkoo fayyaa ulfaatoo ta’an sababa vaayiresichaan dhufaniif caalmaatti saxilamoo ta’uu isaanii akka hubatan gochuun mana keessa akka turanii fi ofeeggannoo barbaachisoo ta’an kan biroo akka godhan gorsuu
- Ajaajila yaalaa idilee fi Tajaajiloota kan biroo haala faffaca’iinsa Vaayiresii Koronaa ittisuu dandeessisuun akka kennamu ta’uu hubachiisuu
- Hordoffii addaan kutanii ykn rakkoon isaan mudate yoo jiraate dhaabbilee fayyaa wajjin wal-quunnamsiisuu